Fana: At a Speed of Life!

Baankichi liqii Birrii biiliyoona 29 kennuuf qophaa’uu ibse

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)-Baankiin Misoomaa Itiyoophiyaa bara baajataa 2016tti sochoostota Intarpiraayizoota Giddugaleessaaf liqii Birrii biiliyoona 20 kennuuf karoorfachuu beeksise.

Daayrektarri Koomiikeeshinii fi Miidiyaa Ye’aabsiraa Kabbadaan, waggoottan sadan darbanii eegalee guddina diinagdee Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kan gumaachan intarpirayizootaa xixiqqaa fi gadaanaan akka uumaman baankichi hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Inatrpiraayizoonnii beekumsaa fi ogummaan hogganaman akka uumamaniif leenjiin walitti fufinsaan kennaa akka jiruu fi yeroo darbe leenjiiwwan marsaa afuriin kennamaniin lammiileen kuma 133 hirmaachuu eeraniiru.

Sochoostota interpiraayizii leenjii fudhachuuf galmaa’an kuma 320 keessaa bara baajataa kanatti %75 kan ta’an fayyadamtoota taasisuuf karoorfamuu himaniiru.

Interpiraayiziin kan gurmaa’aniifis baankichi tajaajila teekinikaa fi gorsaa dabalatee liqii %80 akka dhiyeessu mirkaneessaniiru.

Bara baajataa 2016ttis leenii baankichi kenne hordofuun interpiraayizoota karooraa daldalaa isaanii dhiyeessaniif liqii Birri biiliyoona 20.4 kennuuf karoorfachuu ifoomsaniiru.

Baankichi hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuuf filmaatawwan jiran babal’isaa kan jiru ta’uu himuun, lammiilee tajaajila baankii dhalarraa bilisaa fayyadamaniif tajaajila liqii dhalarraa bilisaa dhiyeenyatti akka eegalamuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.