Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa Ityoophiyaatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 82 laate

Finfinnee, Bitootessa 25, 2012 (FBC) – Baankiin Addunyaa Ityoophiyaatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 82 laate.

Deeggarsichi vaayrasicharraa dandamachuuf carraaqqii taasifamu tumsuuf oola.

Dabalataan maallaqichi dawaa fi meeshaalee fayyaa, wiirtulee tursa addaa fi yaalaa, wiirtulee ragaa fi waamicha bilbilaa tumsuuf oola.

Daayreektaroonni boordii baankichaa deeggarsa yeroo ariifachiisaa raggaasiseen Ityoophiyaa dabalatee, Hindiif Doolaara biiliyoona 1, Paakistaanif Doolaara miiliyoona 200 fi biyyoota birootif laatera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.