Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Awaash birrii biiliyoona 5.5 bu’aa argachuu beeksiise

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2013 (FBC) – Baankiin Awaash bara baajataa kana Birrii biiliyoona 5.5 bu’aa argachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Baankichaa obbo Tsahaay Shifarraawu ibsan.
Baankiin Awaash raawwii bara hojii 2013 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laateera.
Bara kana qormaanni garaagaraa muutadatus tattaaffii taasifameen baankichi Birrii biiliyoona 2.23 guddina agarsiisuu ibsaniiru.
Kuufamni waliigalaa baankichaa bara kanaa birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 7.7 qaqqabuu himaniiru.
Bara baajatichaa Finfinneen alatti dameewwan 100 ol banuun waliigala damee isaa 560 qaqqabsiisuu eeraniiru.
Baankiin Awaash bara kana liqaa Birrii biiliyoona 30 ol laachuus himaniiru.
Liqaadhaan maamiltoota miiliyoona 2 ol horachuun dubbataniiru.
Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 30 olii taasisuu obbo Tsahaay ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.