Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Awaash naannoo Kibba Lixaa Ityoophiyaaf Birrii miiliyoona 5 deeggarsa taasise

Finfinnee, Adoolessa 29, 2014(FBC)- Baankiin Awaash mootummaa naannoo Kibba Lixaa Ityoophiyaaf Birrii miiliyoona 5 deeggarsa taasiseera.

Daayrektarri Damee Kibba Lixaa baankichaa obbo Yirgaa Yiggazuun, gaaffee naannichaa bu’uureffachuuniifi itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa ba’achuuf deeggarsicha taasisuu ibsaniiru.

Deeggarsi baankichi gara fuulduraatti naannichaaf taasisu cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Itti waamamaa olaanaan mootummaa naannichaa obbo Tsaggaayee Maammoo deeggarsi baankichi taasiseef galateeffataniiru.

Warqaafarraaw Yaalawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.