Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Awaash sagantaa ‘’qusadhaa badhaafamaa’’ maamiltootaa marsaa 10ffaa gaggeesse

Finfinnee, Eebla 26, 2015 (FBC) –Baankiin Awaash sagantaa ‘’qusaadhaa badhaafama’’ maamiltootaa marsaa 10ffaan Abboottii carraa badhaase.

Baankichi marsaa 10ffaan namoota carraa ba’eef waliin sirna walharka fudhiinsaa badhaasa taasiise.

Sirna walharkaa fudhiinsichaarrati Ofiisarri Olaanaa Gabaa Baankicha Obbo Yohaannis Margaa,baankichi kanaan duraa badhaasaa maamiltoota qusataniif marsaa 9’n gaggeessuu eeruun, kaayyoon isaas Qusanna guddisuuf sharafni Alaa seera akka qabaatuuf taasiisuu ta’uu eeraniiru.

Haaluma kanaan carraa 1ffaan Konkolataa Manaa Awutomoobilii, carraa 2ffaan konkolattoota Abba miila sadii 4 fi meeshaalee elektrooniksii biroo ta’uu dubbataniiru.

Taarikuu Waldasanbatiitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.