Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Awaash Seminaarii Makaaneyesuus ganna darbe balaa Lolaatiin miidhameef deeggarsa Birrii miiliyoona 5 taasise

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2014 (FBC)- Baankiin Awaash sagantaa isaa itti gaafatamummaa Hawaasummaa bahuu jedhamuun, Seminaarii Waldaa Makaaneyesuus ganna darbe balaa lolaatiin miidhame dandamachiisuuf deeggarsa Birrii Miiliyoona 5 taasisuu ibsameera.

Balaan lolaa ganna darbe Hagayya 14 bara 2013 tasa waldattii muudatee ture lubbuu namootaa galaafachuu fi qabeenya birrii miiliyoonota hedduutti herreegamu mancaasuunsaa ni yaadatama.

Baankichis miidhaa waldicharra ga’e dandamachiisuuf deeggarsa taasisuu ragaan fuula miidiyaa hawaasaa baankicharraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.