Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa dorgommii tajaajila faayinaansii injifate

Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC)- Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa dorgommii kenniinsa tajaajila Faayinaansii injifateera.

Dorgommichi dhaabbata “BIC Ethiopia” jedhamuun kan qophaa’e yoo ta’u, Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa namoota dhuunfaa fi dhaabbilee xixiqqaa, gadaanaa fi giddugaleessaa carraa hojii uumaniif tajaajila faayinaansii dhiyeessuun dorgommicha injifachuu akka danda’e ibsameera.

Dabalataan, kutaalee hawaasaa fayyadamtoota tajaajila baankii hintaane waliingahuu fi horsiisee bultootaaf wabii qabeenyaa socho’aan tajaajila faayinaansii kennuun dorgommicha injifachuu akka danda’e eerameera.

Haaluma kanaan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaaf beekkamtii fi badhaasni kennamuufi ragaan baankicharraa argame ni mul’isa.

“BIC Itiyoophiyaan damee BIC Afrikaa yoo ta’u, ogummaa dhaabbilee carraa hojii uumanii fi hojii uumuurratti bobba’an gabbisuun Afrikaa fi Awurooppaa gidduu walitti hidhamiiinsi diinagdee fi daldalaa saffisaan akka jiraatu kan tumsu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.