Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Giddugaleessaa Chaayinaa gadi lakkifama kaarboonii hir’isuuf Doolaara biiliyoona  13 ol ramade

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Baankiin Giddugaleessaa Chaayinaa gadi lakkifama kaarboonii hir’isuuf Doolaara biiliyoona  13 fi miiliyoona 43  ramaduu hogganaan Baankii Giddugaleessaa Chaayinaa Suun Guufeeng ibsan.

Biyyattiitti dhaabbilee gadi lakkifama kaarboonii hir’isuu fi to’achuuf hojjetaniif Doolaara biiliyoona 13 fi miiliyoona 43 ramaduu ibsaniiru.

Chaayinaatti dhagaan cilee madda anniisaa isa olaanaa ta’ee itti fufuu ibsuun, fuulduratti fayyadama dhagaa cilee hir’isuu fi maddoota anniisaa biroo fayyadamuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu eeraniiru.

Baankichi dhaabbilee gadi lakkifama kaarboonii hir’isuuf hojjetaniif deeggarsa liqaa hangi dhalli isaa gadi aanaa ta’e kennuu kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

Baankiiwwan dhaabbilee gadi lakkifama kaarboonii hir’suuf hojjetaniif liqii gadi aanaa dhiyeessan keessaa Baankiin Giddugaleessaa Chaayinaa dhiyeessii maallaqaa % 60 kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- CGTN

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.