Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misooma Ityoophiyaa marsaa 4ffaaf leenjiin kennu boruu eegala

Finfinnee, Guraandhala 13, 2015 (FBC)- Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa, Baankii Addunyaa waliin ta’uun intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaaf borurraa eegalee marsaa 4ffaaf leenjii kan kennu ta’uu beeksise.

Dhimmicha ilaalchisuun Pireezidaantiin Baankii Misoomaa Ityoophiyaa Dooktar Yohaannis Ayyaalawu ibsa miidiyaaleef kennaniin, leenjichi sadarkaa biyyaalessaatti magaalotaa 56tti giddugaloota leenjii 95 fi leenjitoota 200f kan kennamu ta’uun ibsaniiru.

Baankichi marsaa afuraffaa kanaan namoota kuma 50 leenjisuuf karoorfachuun galmee guyyoota 14 gaggeesseen namoota kuma 450 galmaa’uu ibsan.

Lakkoofsi leenjitootaa olaanaa ta’uurraanis leenjicha marsaa sadiitti qooduun kan kennuu ta’uu fi qophii duraa fi faayinaansii taasisuu himaniiru.

Leenjiin guyyaa boruu eegaluu giddugaloota 112tti kan kennamu ta’uun ibsameera.

Sirni baniinsa leenjichaa Finfinnee Galma Barkumeetti kan gaggeeffamu too ta’u, giddugaloonni leenjii kutaalee biyyatti garaagaraatti argaman interneetiin kan quunnamaman ta’a jedhaniiru.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.