Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misoomaa Afrikaa deeggarsa damee Qonnaaf taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibse

Finfinnee, Fulbaana 14, 2016 (FBC) – Baankiin Misoomaa Afrikaa deeggarsa damee Qonnaa Itiyoophiyaaf taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise.

Daayrekteroonni Baankii Misoomaa Afrikaa deeggarsa damee Qonnaa Itiyoophiyaaf taasiifamu ilaalchisee hoggantoota Ministeera Qonnaa Itiyoophiyaa waliin mari’ataniiru.

Hoggantoonni Ministeera Qonnaa hojiilee gama Misooma Jallisii, Beelladdaa, Maaddii Guutuu fi sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti hojjetaman ilaalchisee jila baankichaaf ibsa taasiisaniiru.

Baankiin Misoomaa Afrikaa deeggarsa damichaaf taasiisuu eegals cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.