Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Oromiyaa hojiilee baankii idil addunyaan sharafa alaa Doolaara miiliyoona 279 argachuu ibse

Finfinnee, Sadaasa 18, 2015 (FBC)-Baankiin Oromiyaa bara 2014 hojiilee baankii idil addunyaan sharafa alaa Doolaara miiliyoona 279.4 argachuu beeksise.

Kunis kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo wal bira qabamu %55 guddina argisiisuu ibse.

Yaa’iin abbootii aksiyoonaa 13ffaa fi walga’iin waliigalaa ariifachiisaa Baankii Oromiyaa gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti akka ibsametti, baankichi bara 2014 gibiraan dura Birrii biiliyoona 1.52 bu’aa argachuu beeksiseera.

Galii aksiyoonaa Birrii 307 ta’uu fi bu’aa argame kan bara darbee bara baajatichaatti yoo walbira qabamu %13.7 guddina galmeessuu ibsame.

Walitti Qabaan Boordii Daayrektaroota Baankiin Oromiyaa Gammachuu Waaqjiraa waliigalaan galii Birrii Biiliyoona 52 galmeessuu dubbataniiru.

Kunis bara waliin yoo walbira qabamu %24.8 caalmaa akka qabu eerameera.

Dameen baankichaa 400 ga’uu ibsameera.

Meeroon Mulugeetaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.