Fana: At a Speed of Life!

Baatii Sadaasa Birrii Biiliyoonni 19.2 walitti qabame

Finfinnee, Muddee 3, 2012 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii Baatii Sadaasa keessa Birrii biiliyoona 19.2 walitti qabuu beeksise.

Baatii Sadaasa 2012 keessa Birrii biiliyoonni 18.3 walitti qabamuuf karoorfamee, Birrii biiliyoonni 19.2 walitti qabamuun ibsameera.

Raawwiin karoora baatichaa kan bara darbeen yoo madaalamu caalmaa Birrii biiliyoona 5.97 yookin %36.14 agarsiisera.

Ministeerichi hojii hubannoo uumuu bifa qindaa’en kaffalttoota gibiraaf laaten karooraa ol galii walitti qabuu isaa ibseera.

Qindoominni hojii hoggantoota, hojjettootaa fi hawaasa daldalaa gidduutti jiru bu’aa kanaaf gumaacha olaanaa taasiseera jedhameera.

Hojiin baatiwwan shanan darban keessa hojjetame karoora waggaa milkeessuuf agarsiiftuu ta’uu ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.