Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan 8’n darbanitti namoonni miiliyoona 3.2 Busaan qabamaniiru-MF

Finfinnee, Bitootessa 20, 2016 (FBC)- Baatiiwwan saddeettan darbanitti namoota miiliyoona 10 keessaa namoonni miiliyoona 3.2 dhibee Busaan qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Bakkaa bakkatti socho’uu namootaan walqabatee naannawaa hunda dhibechi jiraachuu kan eere ministeerichi, keessumaa Naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Kibba Lixaa fi Kibbatti tatamsa’inni isaa olaanaadha jedheera.

Itti Gafatamaan Deskii To’annoo fi Ittisaa Busaa fi Dhibeewwan Ilbiisotaan daddarbanii Guddisaa Asaffaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin turtii taasisaniin, yeroo ammaa torbanitti namoonni kuma 70 ta’an dhibechaaf saaxilamaa jiraachuu himan.

Tatamsa’ina dhibechaa baatii Amajjii tureen yoo madalamuu %5-10 hir’ina argisiisuu eeraniiru.

Keessumaa, Ganna dhufu rooba mudachuu malu hordofee tatamsa’inni dhibechaa dabaluu akka danda’u hubachiisaniiru.

Tatamsa’ina dhibechaa ittisuuf manneen miiliyoona 2’tti biiffaan keemikaalaa kan gaggeeffamu ta’uu dubbataniiru.

Hanga ammaatti saaphana siree miiliyoona 19.7 hawaasaaf raabsameera kan jedhan Obbo Guddisaan saaphana siree dabalataan raabsuuf karoorfamuu himaniiru.

Yeroo ammaas akka biyyaalessaatti dhibamtoota dhibee busaaf qorichi gahaan raabsamuu dubbataniiru.

Dabalataan bittaan qorichaa gaggeeffamaa jiraachuu fi raabsaarratti duubatti harkifannaan yoo jiraate malee hanqinni qorichaa akka hinjirre akeekaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.