Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan ja’an darbanitti dhiyeessii bishaaniin bu’aa olaanaan galmaa’eera-Ministeericha

Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC)- Baatiiwwan ja’an darbanitti dhiyeessii bishaaniin bu’aa olaanaan galmaa’uu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksise.

Ministeerichi raawwii baatiiwwan ja’an darbanii dhaabbilee waamamoo fi biirolee naannolee Magaalaa Samaraatti gamaaggamaa jira.

Ministirri Ministeerichaa Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa Tasgabbiin dhabamuu biyyattiitti mudatee fi balawwaan uumamaa yeroo garaagaraatti mudataniin dhiyeessiin bishaanii harkifatee turus, baatiiwwan ja’an darbanitti jijjiirama argisiisuu dubbatan.

Waltajjii gamaaggamichaarratti damee dhiyeessii bishaanii fi anniisaa haareffamaan bu’aaleen abdii qabeessi galmaa’uu fi kunis cimee itti fufuu akka qabu akeekameera.

Raawwiin baatiiwwan ja’an darbanii dhaabbilee waamamoo bulchiinsa magaalota lameenii fi biirolee naannolee dhiyaachuun irratti mari’atamaa jira.

Gamaaggamichis muuxannoowwan gaggaarriin bulchiinsa magaalotaa fi naannolee gidduu akka jiraatuuf kan gargaaru ta’uu Injinar Habtaamuun himaniiru.

Qaala’aab Girmaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.