Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan 5 keessaatti meeshaaleen kontiroobaandii tilmaama Birrii biiliyoona 1 ol qaban to’anna jala oolaniiru

Finfinnee, Muddee 6, 2013 (FBC)- Baatiwwan 5 keessaatti meeshaaleen kontiroobaandii galii fi baasii tilmaama Birrii biiliyoona 1 miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 56 fi kumni dhibbi 1 kumni 19 to’annaa jala oolu  Ministeerri Galiiwwanii beeksisee.

Meeshaalee kontiroobaandii galii ta’an tilmaama Birrii miiliyoona dhibba 9 miiliyoona 81 fi kuma dhibba 5 fi kuma 90 to’annaa jala oolchuuf karoorfameen meeshaalee kontiroobaandii galii tilamaama Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 100 fi kuma dhibba 6 fi kumni 31 to’annaa jala ooluun beekameera.

Kunis kan bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaalamuu caalmaa %24 argisiseeraa jedhame.

Haaluma wal fakkatuun meeshaalee kontiroobaandii baasii ta’an tilmaama Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 34 fi kuma dhibba 7 kuma 8 to’anna jala oolchuuf karoorfameen meeshaaleen kontiroobaandii baasii tilmaama Birrii miiliyoona dhibba 2 miiliyoona 55 fi kuma dhibba 8 kuma 87 to’annaa oolu ibsmeera.

Raawwiin isaas %190 ta’u erameera.

Kunis kan bara darbee yeroo walfakkataan wal bira qabamee yoo ilaalamu caalmaa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 7 fi kuma dhibba 2 fi kuma 76 argisiseera jedhame.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.