Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan jahaan darbanitti Diyaaspooraan Doolaara biiliyoona 1.4 gara biyyaa erguu ibsame

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC) – Baatiwwan jahaan darbanitti Diyaaspooraan Doolaara biiliyoona 1.4 gara biyyaa erguu Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksiseera.
Ejansichi raawwii hojii walakkaa Waggaa bara baajataa 2013 gamaaggameera.
Waltajjii gamaaggamichaarratti gabaasni raawwii dhiyaateera.
Baatiwaan jahaan darbanitti miseensoonni diyaaspooraa herreega sharafa alaa akka banan deeggarsi taasiifamuu fi Doolaara miiliyoona 3.5 ol teessisuu ibsameera.
Doolaara biiliyoona 1.4 gara biyya keessaa erguu fi ijaarsa hidha haaroomsaaf birriin miiliyoonni 70 ol walitti qabamuu himameera.
Proojektii Maaddii biyyaaf birrii miiliyoona 20 ol, ittisaa fi to’annoo weerara vaayrasii koroonaaf miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 8 ol, Raayyaa Ittisa Biyyaaf miiliyoona dhibba 1 ol walitti qabamuu ibsameera.
Dabalataan miseensoota Diyaaspooraa kaappitaala birrii biiliyoona 89 ol galmeessan 847 invastimantii, daldalaa, fi dameewwan Tuurizimirratti akka hirmaatan deeggarsi fi hojiin calaluu taasiifamuu himameera.
Hawaasa Diyaaspooraa faayinsaasii gadi aanaa qaban 352 invastimantii, daldalaa, fi dameewwan Tuurizimirratti akka hirmaatan haalli mijachuu himameera.
Mirgii fi faayidaan lammiilee 754 akka kabajamu, lammiileen 515 deeggarsa seeraa argachuu fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun lammiileen kumni 6 gara biyyaa akka deebi’an taasiifamuu ragaan Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan OromooHttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.