Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan jahan darbanitti hojiin bu’aa qabessi hojjetameera- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Amajjii 26, 2015 (FBC)- Baatiiwwan jahan darban magaalaa Finfinneetti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamu Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Addee Adaanech Abeebeen ibsaniiru.

Gamaaggamni raawwii walakkaa waggaa Magaalaa Finfinnee gaggeeffama ture xumurameera.

Halumaa kanaan, Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee tooraa miidiyaa hawaasummaa isaaniin, baatiwwaan jahan darbanitti hojiileen bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsaniiru.

Gaaffii fi fedhii ummataa deebisuu fi rakkoolee jiran furuuf jijjiirama jalqabame itti fufsiisuuf humna keenya haaromsuun tokkumaa cimsinee jijjiramaa caaluuf tattafaachuu qabna jedhaniiru.

Hanaa fi hojimata badaa kutannoon irratti qabsa’uu, humna dhaaabbata cimsuu, hojiilee riifoormii gaggeessuun, dandeettii qabnu cimsuun hawaasaaf tajaajila fooyya’aa fi ammayyaa’aa dhiyeessuuf kutannoon hojjetamu akka qabus eeraniiru.

Hannaa fi hojimaata badaa kutannoodhaan dura dhaabbachuun human dhaabbattummaa cimsuun, hojiilee riifoormii hojjachuu fi dandeettii raawwachiisummaa ol kaasuun ummata keenyaaf tajaajila fooyya’aa fi ammayyaawaa laachuu akka qabnu xiyyeeffannoo cimaa itti laannee ilaalleerra.

Finfinnee giddugala hookkaraa taasisuufi alseerummaan magaalaattiitti akka babal’atuuf shira qaamolee dhoksaan gurmaa’an irratti qabsaa’uun, hoggansii fi qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiran, raayyaan nageenyaa fi gurmaa’insa hawaasaa itti fufaa ta’uu isaa mirkaneessuu qabna jedhaniiru.

Magaalaa Finfinnee midhaagduu akkasumas jiraatootaaf mijatuu, laammiilee galii gadi aanaa qaban deeggartu, walgargaaruu fi waldanda’uun kan keessaatti mirkaana’e akka tatuuf ummataa waliin hojjechuun kan itti fufu ta’uu hubachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.