Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan kurnan darban kaffaltii elektirooniksiin galiin Birriin biiliyoonni 61 walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015 (FBC) – Baatiwwan kurnan darbanitti kaffaltii gibira mala ElektIroniksiin galiin Birriin biiliyoona 61 ol walitti qabamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.

Ministeerichatti Dursituun Garee Daayrektoreetii Cuunfaa Herrega Galiiwwanii Elsaabeet Ashannaafii , Bara baajatichaatti kaffaltoota gibiraa kumni 20 fi 772 tajaajila kaffaltii elektirooniksiin gibira kaffaluu isaanii eeraniiru.

Haaluma kanaan baatiwwan kurnan darbanitti kaffaltoota gibiraa mala elektrooniksiin kaffalan irra galiin Birrii biiliyoona 61 fi miiliyoona 468 fi kuma 540 argamuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni mul’isa.

Sirnichi kaffaltoota gibiraa qisasa’aa yeroo fi mallaqaa hambisuun itti gaafatamummaa isaanii akka bahataniif kan gargaaru ta’uu ibsameera.

Sirni kaffaltii elektirooniksii erga hojiirra oolee, kaffaltonni gibiraa kumni 22 fi 419 mala elektirooniksiin kan kaffalan yoo ta’uu ,galiin Birrii biiliyoonni 127 fi miiliyoonni 180 fi kumni 14 ol argamuun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.