Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan sagalitt lammiileen Ityoophiyaa  Ameerikaa jiraatan ijaarsa hidha haaromsaa guddichaaf Doolaara kuma 600 ol gumaachan

Finfinnee, Eebila 17, 2013 (FBC)- Baatiwwan salgan darbanitti  lammiileen Ityoophiyaa fi dhalattoonni Ityoophiyaa Lixa Ameerikaa jiraatan ijaarsa hidha haaromsa guddichaaf deeggarsa Doolaara Ameerikaa kuma 600 ol walitti qabuusaanii himame.

Lammiileen Ityoophiyaa  fi dhalattoonni Ityoophiyaa Loos Aanjalesii fi naannicha jiraatan Eejansii Daayispooraa Ityoophiyaa waliin ta’uun haala biyya isaanii gargaaruu danda’amu irratti mari’ataniiru.

Maricha irratti Daayrektarri olaantuun Ejensii Daayispoora Ityoophiyaa Aadde Salaamaawwit Daawit akka himanitti, carraaqqii lammiileen Ityoophiyaa  fi dhalattoonni Ityoophiyaa Loos Aanjalesii fi naannicha jiraatan biyya isaanii deeggaruuf gocha adda durummaa argarsiisaa jiru jedhan.

Deeggarsi taasifamaa jiru kun cimee akka itti fufuu fi biyyattin faayidaa diyaaspooraa irraa argachuu qabdu akka argattuuf ejensichi diyaaspooraa waliin walitti  dhiyeenyaan kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.