Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan saglan darban galiin Birriin biiliyoonni 374 ol walitti qabame

Finfinnee, Ebla 24, 2016 (FBC) – Baatiwwan saglan darban galiin Birriin biiliyoonni 374 ol walitti qabamu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.
Ministeerichi raawwii hojii baatiwwan 9 darbanii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeesseera.
Baatiwwan saglan darban keessa Birrii biiliyoona 391 ol walitti qabuuf karoorfamee Birriin biiliyoonni 374 ol walitti walitti qabamuu Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nuguseen himuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Galiin argames kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Birrii biiliyoona 43.27 caalmaa qabaachuu Aadde Ayinaalem dubbataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.