Fana: At a Speed of Life!

Baayar Muuniik, Liyoon 3f 0dhaan injifachuun xumura shaampiyoons liigii Awrooppaaf darbe

Finfinnee, Hagayyaa 14, 2012 (FBC) – Baayar Muuniik, Liyoon 3f 0dhaan injifachuun xumura shaampiyoons liigii Awrooppaaf darbe.
 
Kilabiin Jarman Baayar Muuniik tapha xumura walakkaa kaleessa galgala gaggeeffameen, Olompiik Liyoon 3f 0dhaan injifachuudhan xumuraaf qaqqabuu mirkaneessera.
 
Baayar Muuniik xumura kurmaanaarratti Baarseloonaa 8f 2n injifachuun waggaa 7n booda waancadhaaf kan dhiyaate yoo ta’u, xumuraanis kilabii Faransaay isa biroo Paariis Seent Jarmeenin dorgoma.
Kilabiin Paariis seenaasaa keessatti yeroo jalqabaatifi xumura shaampiyoons liigii Awrooppaaf duursee qaqqabuusaa kan mirkaneeffate.
 
Taphni shaampiyoons liigii Awrooppaa baranaa Dilbata dhuftu Liisbanitti, Istaadiyamii Benefiikaa; Daaluuzitti gaggeeffama.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.