Fana: At a Speed of Life!

Baayern Muunik leenjisaa isaa gaggeesse

Finfinnee, Bitootessa 15, 2015 (FBC) – Kilabni Kubbaa Miilaa Jarman Baayern Muunik leenjisaa isaa Juuliyaan Neeglisimaan leenjisummaarraa gaggeessuu beeksise.

Leenjisichi jijjiirama barbaaddamu fiduu hindandeenye jedhamuun gaggeeffamuu eerameera.

Leenjisaan duraanii Boorushaa Doortimandi,PSG fi Cheelsii kan turan Toomaas Tuusheel leenjisaa Baavaariiyaanootaa ta’uu danda’a jedhamee eegama.

Baayern Muunik taphoota Buundasligaa hanga ammaatti taphateen morkataasaa Doortimandiin caallamee sadarkaa 2ffaarratti argama.

Kilabichi Juuliyaan Neeglisimaaniif beenyaa hanga Paawundii miiliyoona 65 fi mindaa isaanii kan waggaa 3 kan kaffalu ta’uu Deeyilii Meeyil gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.