Fana: At a Speed of Life!

Baay’inni ummata Chaayinaa waggoota 60 as yeroo jalqabaaf hir’achuun gabaafame

Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC)- Baay’inni ummata Chaayinaa erga bara 1961 as yeroo jalqabaaf hir’achuun gabaafame.

Biyyattiin seenaa ishee keessatti sodaa beelaa hammaataa imaammataa qonnaa Maa’oo Zedungitti hir’achuu ummataa mudatee as yeroo jalqabaaf baay’inni ummataa hir’achuun ibsameera.

Addunyaarraa baay’ina ummataa olaanaa kan qabdu Chaayinaan, kana booda hir’inni kun yeroo dheeraa turuu akka malu eerameera.

Xumuraa bara 2022’tti baay’inni ummata Chaayinaa tilmaamaan biiliyoona 1 fi miiliyoona 411 fi kuma 750 irraa akka ture Ragaan Biiroo Istaatistiksii Biyyaalessaa Beejiingi kan argisiisuu yoo ta’u, kunis xumura bara darbee waliin yoo madaalamu kuma 850 hir’ina argisiisuu Aljaziiraan gabaaseera.

Haaluma kanaan, addunyaarratti baay’ina ummataan adda durummaan kan eeramaa turte Chaayinaan, baayinaau biiliyoona 1.4 ol kan qabdu Hindiin dhiyeenyatti dursuu dandeessiin jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.