Fana: At a Speed of Life!

Baazaarii, agarsiisaa fi siimpooziyamiin dhaabbilee oomishaa fi fayyadamtoota walitti fiduun qooda olaanaa qaba jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Baazaarii, agarsiisaa fi siimpooziyamiin dhaabbilee oomishaa fi fayyadamtoota walitti fiduun qooda olaanaa qaba jedhame.

Baazaarii, agarsiisaa fi siimpooziyamiin biyyaalessaa 7ffaan waldaalee hojii gamtaa Amajji 28 hanga Guraandhala 4,2012tti gaggeeffamaa ture xumurame.

Waltajjichi waldaaleen hojii gamtaa omishaaleesaanii fayyadamtootaf dhiyeessuun, walitti hidhamiinsa aadaa, hawaasummaa, omishaa fi diinagdee uumuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee olaanaa gumaacha jedhan daayreektarri olaanaa Eejansii Waldaalee Hojii Gamtaa Federaalaa obbo Usmaan Suruur.

Fayyadamtoonnis oomisha barbaadan baay’inaan, qulqullinaa fi gatii madaalawaadhaan akka argatan taasisa jedhaniiru.

Cufiinsa baazaarii, agarsiisaa fi siimpooziyamichaarratti Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRItti ministirri waamamaa mootummaa Ambaasaaddar Masfin Charinnat dabalatee hoggantoonni biroon bakka argamanitti hirmaattotaa fi qaamolee gumaacha taasisaniif beekamtiin laatameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.