Fana: At a Speed of Life!

Badhaadhinni biyya tokkoo gabbachuu ittigaafatamummaa hawaasummaa waliin hidhata olaanaa qaba- Dooktra Abiy

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC)- Mummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad badhaadhinni biyya tokkoo gabbachuuf itti gaafatamummaa hawaasummaa waliin hidhata olaanaa qaba jedhaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad karaa fuula Feesbuukii isaaniitin akka beeksisanitti, biyyoota itti gaafatamummaan hawaasumma gadi aanaa ta’etti guddinaaf gatii hedduutu baha jedhaniiru.

Adeemsi qaroomina isaanii kan rakkoo keessa seenu adda durummaadhaan lammiilee isaanii ittigaafatamummaan itti hin dhagahamneenidhas.

Namoonni laammiileen keenya itti gaafatamummaan akka itti dhagahamu fakkeenya ta’an yoos dursan daandiin badhaadhinaa tolaa ta’a. fakkeenya ta’uun oduu bira darbee hojiidhaan yoo mul’ate, bu’aa yaadnu dafnee galmaan gahuu ni dandeenyan dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.