Fana: At a Speed of Life!

Bahireen Riifoormii Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu kan deeggartu ta’uu beeksiifte

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2014 (FBC) – Bahireen Riifoormii Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu kan deeggartu ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa fi Diingdee Biyyaaleessaa biyyattii Sheek Aliimaan Biin Kalfaa Alkaalfaan ibsaniiru.
Bahireenitti dursaan Waajjira Qoonsilaa Jeneraal FDRI Ambaasaaddar Jamaal Bakar Ministirri Ministeera Maallaqaa fi Diingdee Biyyaaleessaa biyyattii Sheek Aliimaan Biin Kalfaa Alkaalfaan waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.
Qaamoleen lamaani haala hariiroo diinagdee, Invastimantii, daldalaa fi tumsa hunda galeessaa biyyoota lamaanii daraan cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Ityoophiyaan Riifoormii hunda galeessaaa gaggeessaa jiraachuu fi hariiroo biyyoota Baha Giddugaleessaa waliin qabdu kallattii hundaan cimsuuf hojjechaa jiraachuu Ambaasaaddar Jamaal Bakar ibsa taasiisaniiru.
Ministirri Ministeera Maallaqaa fi Diingdee Biyyaaleessaa Bahireen Sheek Aliimaan Biin Kalfaa Alkaalfaan gama isaaniin hundeeffamni mootummaa haaraa Ityoophiyaa karaa nagaan xumuramuu gammachuu itti dhaga’ame ibsaniiru.
Bahireen Riifoormii Ityoophiyaan gaggeessaa jirtuuf deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiiftu ta’uu kaasaniiru.
Gumaacha lammiileen Ityoophiyaa guddina diinagdee Bahireeniif taasiisaa jiran galateeffataniiru.
Ministirri Ministeera Maallaqaa fi Diingdee Biyyaaleessaa Bahireen Sheek Aliimaan Biin Kalfaa Alkaalfaan obbo Ahimad Shiideen Ministira Ministeera Maallaqaa ta’uun irra deebiin muudamuu isaanii ergaa baga gammaddanii dabarsuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.