Fana: At a Speed of Life!

Bakka buutonni paartilee siyaasaa Finfinneetti argaman Gola Hambaa Adwaa Zeeroo Zeeroo daawwatan

Finfinnee, Mudde 24, 2016 (FBC) – Bakka buutonni paartilee siyaasaa Finfinneetti argaman Piroojektii Gola Hambaa Adwaa Zeeroo Zeeroo dabalatee hojiilee misoomaa daawwataniiru.

Bakka buutoonni kunneen magaalaa Finfinneetti hojiileen jireenya lammiilee jijjiruu danda’an hojjetamaa jiraachuu hubachuu ibsaniiru.

Piroojektiin Gola Hambaa Adwaa Zeeroo Zeeroo dabalatee piroojektoonni gurguddoon magaalichatti hojjetamaa jiran maqaa gaarii magaalichaa jijjiirurra darbee dhalootaaf kan darban ta’uu eeraniiru.

Jireenya jiraattoota magaalichaa waaraan jijjiiruuf, magaala jireenyaf mijattuu taate taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen himuu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.