Fana: At a Speed of Life!

Bakka Taabonni qubatu qulqulleeffame

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Qondaaltota olaanoo Bulchiinsaa Magaala Finfinnee dabalatee Abbootiin Amantaalee bakka Taabonni qubatu hojii qulqulleessuu gaageessaniiru.

Duula qulqullinaa kanarratti Sadaraka Kantiibaa Ittaanaatti Hoji Gaggeessituu Olaantuu Bulchiinsaa Magaalichaa Hikmaa Haayraddiin, qondaaltonni bulchiinsa magaalichaa, abbootiin amantaalee fi jiraattonni magaalattii hirmaataniiru.

Hambaalee Kiliyyaa UNESCOtti galmaa’aan keessaa Ayyaanni Cuphaa tokko ta’uu fi ayyaanichi mana amataa Ortodoksiin haa kabajamu malee qabeenyaa Itiyoophiyaanota hundaati jedhan Aadde Hikmaan.

Kanaaf boruu fi iftaan ayyaanni kabajamu kun duudhaa amantaa fi aadaa isaa eeggatee akka kabajamu jiraattonni magaalattii hunduu gahee irraa eegamu akka bahatu dhaamuu TOI gabaaseera.

Jala Bultiin Ayyaana Cuphaa (Kataraa) fi Ayyaanni Cuuphaa hordoftoota Amantaa Ortodoksii biratti Amajjii 10 fi 11, 2016 sadarkaa biyyaalessaatti kabajama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.