Fana: At a Speed of Life!

Balaa Ibiddaa Chiilitti mudateen lubbuun namoota Chile 112 darbe

Finfinnee, Amajjii 27, 2016 (FBC) – Balaa Ibiddaa Chiilii bulchiinsa Vaalparaayisootti mudateen lubbuun namoota 112 darbuu ibsame.

Manneen kuma 3 -6 ol ta’an balaa kanaan barbadaa’uu Ministeerri Biyya Keessaaa Chiilii ibseera.

Namoonni 28 balaa cimaaf saaxilamuu fi qabeenyi hedduun barbadaa’uu Al Jaziiraa fi BBCn gabaasaniiru.

Namoonni balaa kanaan miidhaman hedduun kanneen Qarqara Galaanaa bulchiinsichatti argamu daawwachuu dhufan ta’uu ibsameera.

Pireezidaantiin biyyattii Gaabriyeel Boorik labsii yeroo muddamaa labsuun haalicha to’achuuf wanti barbaachisu hundi akka hojjetamu ajaja dabarsaniiru jedhame.

Tajaajilli lubbuu baraaruu bakkeewwan balaa kanaan calaatti miidhaman bira ga’uuf rakkachaa jiraachuu ibseera.

Lakkoofsi namoota du’anii dabaluu akka malu tajaajilichi himeera.

Valparaayiso magaala gudditti Santiyaagoo irraa Kiiloo Meetira 116 faggattee argamti.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.