Fana: At a Speed of Life!

Balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 10 darbe

Finfinnee, Eebila 19, 2012 (FBC) – Balaa konkolaataa naannoo Amaaraatti qaqqabeen lubbuun namoota 10 darbe.
 
Balichi kan qaqqabe konkolaataan geejiba ummataa Mooxaadhaa gara Finfinnee imalaa ture konkolaataa fe’umsaatin walitti bu’eeti.
 
Balichi har’a barii naannoo sa’aa 11:30tti kan qaqqabe ta’uu bulchiinsi aanaa Gonchaa Siisoo Innasee, Maas Miidiyaa Amaaraatti himeera.
 
Balichaan konkolaachisaa konkolaataa geejiba ummataa dabalatee lubbuun namoota 10 darbeera.
 
Konkolaachisaa fi gargaaraan konkolaataa fe’umsaa kan hin argamne yoo ta’u, namoonni miidhaan irra ga’e magaalaa Mooxaa fi Gindawayinitti deeggarsa yaalaa argachaa jiru.
 
Shan miidhaa salphaan kan irra ga’e yoo ta’u, 1 miidhaa cimaan irra ga’uudhan Baahir Daar Hoospitaala Xibaba Giyoonitti deeggarsa yaalaa argachaa jira.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.