Fana: At a Speed of Life!

Balaa lolaa xiqqeessuuf hojii misooma sululaarratti xiyyeeffaannoo laachuun murteessadha – Dammaqaa Makkoonniin

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonniin Balaa lolaa xiqqeessuuf hojii misooma sululaarratti xiyyeeffaannoo laachuun murteessadha jedhan.
 
Obbo Dammaqaan naannooleen balaa lolaan miidhamanitti dhibee daddarboon akka hin qunnamne of eeggannoon godhamuu akka qabu qajeelfama kennaniiru.
 
Miseensoonni Mana Maree Ittisa Balaa Biyyaalessaa fi qindeessaa qophummaa guyyaa har’aa marii taasisaniiru.
 
Ityoophiyaatti Rooba cimaa roobaa jirun lageenii fi Hidhaaleen hammaa ol bishaan kuusuu maricha keessatti ka’eera.
 
Sababa kanaan lammiilee yaa’a Awaash, Oomoo fi Abbayyaa jiraatan balaa lolaaf saaxilamauu eerrameera.
 
Qophii ittisaa durfamee hojjetameen hamma miidhaa qaqqabuu danda’uu hir’isuun danda’ameera.
 
Balaa lolaa itti fufiinsan ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu miseensoonni maricharratti hirmaatan yaadachiisaniiru.
 
Walitti qabaan Mana Maree Ittisa Balaa Biyyaalessaa fi Qindeessaa Qophummaa fi itti aanaan Muummee Ministiraa obbo Dammaqaa Makkoonniin sababa jijjiirrama qabeenya qilleessan balaan ga’uun kan oolu mit jedhan.
 
Yaa ta’uutii miidhaa qaqqabu haala kamiin ittisuun akka danda’amurratti xiyyeeffannoo laachuun murteessadha jedhan.
 
Balaa lolaa xiqqeessuuf hojii misooma sululaarratti xiyyeeffaannoo olaanaa laachuun barbaachisaadha jedhan.
 
Lammiilee balaa lolaan miidhaman gargaaruu cinaatti kanneen qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuun ijoo hojii ta’uu qaba jedhan.
 
Erga rakkichi qaqqabee miidhaa ga’u hir’isuuf hojii hojjetame jajjabeessaa ta’uu obbo Dammaqaan kaasanniiru.
 
Naannoolee kanneeniitti weerarri dhibee daddarboo akka hin muuddanneef of eeggannoo olaanaa taasisuun akka barbaachisu yaadachiisaniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.