Fana: At a Speed of Life!

Balaa Tiraafikaa Godina Kafaa Aanaa Giimbootti qaqqabeen lubbuun namoota 5 darbe

Finfinnee, Bitootessa 27, 2016 (FBC) – Naannoo Ummattoota Kibba Lixaa Itiyoophaa Godina Kafaa Aanaa Giimbootti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 5 darbe.
Konkolaataan fe’iinsaa Konkolaataa abbaa miilaa sadii Baajaajii jedhamu waliin walitti bu’uun balaa kana qaqqabsiisuu Aanichatti Itti Gaafatamaan Qindeessaa Ittisa Balaa fi To’annoo Yaa’insa Tiraafikaa Saajin Olaanaan Tafarraa Atuumoon ibsaniiru.
Konkolaachisaa Baajajichaa dabalatee lubbuun namoota 5 darbuu himuu isaanii ragaan Komishinii Poolisii naannicharraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.