Fana: At a Speed of Life!

Bamlaak Tasammaan tarree murteessitoota olaanoo Waancaa Afrikaa 2024 dursan keessatti hammataman

Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC) – Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa tarree murteessitoota olaanoo Waancaa Afrikaa 2024 qopheessummaa Kootdivaayeeriin gaggeeffamu dursan ifoomseera.

Tarreen Murteessitoota gidduu, gargaartootaa, gargaartoota Murtoo Viidiyoo, Inistiraaktaroota Teeknikaa, VAR fi Ogeeyyiin ICT ifoomaniiru.

Tarree ogeeyyii 85 ifoome keessaa Abbaan Murtee Idil Addunyaa Bamlaak Tasammaa Wayyeessaan isaan tokko ta’uu eerameera.

Abbootiin murtee olaanoon 32 biyyoota 26 keessa kan filataman yoo ta’uu, Bamlaak Tasammaan Itiyoophiyaa bakka bu’uun tarree kana keessatti hammatamuu konfedereeshinich ifoomseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.