Fana: At a Speed of Life!

Bara 2013 keessa kenniinsa tajaajila mootummaarratti jijjiirrama bu’araa fiduun dhimma ijoodha – Injiinar Taakkalaa Uumaa

Finfinnee, Adoolessa 29, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfineetti bara 2013 keessa kenniinsa tajaajila mootummaarratti jijjiirrama bu’uraa fiduun hojii ijoo ta’uu Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsan.
 
Leenjiin ogeeyyii dhaabbilee olaanoo Biiroo Paabliik Sarvisii bulchiinsa magaalaa Finfinnee jalatti argamaniif guyyoota sadiif kennamaa tura xumurameera.
 
Xumura leenjicharratti kan argaman itti aanaa kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinara Taakkalaa Uumaan bara baajataa kana hanqinoota kenniinsa tajaajilaa furuun dhimma ijoo ta’uu ibsaniiru.
 
Tajaajjilli jiraattoof kennamaa jiru hanga tokko fooyya’aa dhufus , kana caalaa fooyyeessuun dirqama ta’uu himaniiru.
 
Jijjiirramaa barbaaddamuuf ogeeyyii fi hoggantoonni caasaa Paabliik Sarvisii jala jiran ga’ee olaanaa taphachuu qabu jedhan.
 
Bara baajataa kana tokkoon tokkoon ogeeyyii hawaasa isaaniif tajaajila ga’umsa qabu laachuuf of qopheessuu akka qaban ibsaniiru.
 
Hojjetoonni mootummaa magaalichaa kumni 65 ol yeroo itti aanuu leenjii kana kan fudhatan ta’uu ibsameera.
 
Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti hojjetoonni mootummaa kumni dhibbi 1 fi kumni 30 kan agaman ta’uu ragaan waajjira Kaantibaa magaalichaarraa argame ni muul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.