Fana: At a Speed of Life!

Bara 2013tti sadarkaa biyyaalessatti waliinga’insa humna elektirikii guddisuuf hojjechaa jiraachuu Tajaajjilli Elektirikii Ityoophiyaa beeksise

Finfinnee, Qaammee 3, 2012 (FBC) – Bara 2013tti sadarkaa biyyaalessatti waliinga’insa humna elektirikii guddisuuf hojjechaa jiraachuu Tajaajjilli Elektirikii Ityoophiyaa beeksise.

Hoji gaggeessaa Olaanaan Tajaajjila Elektirikii Ityoophiyaa obbo Shifarraw Taliilaa Turtii Faanaa Broodkaastiingii Koorporeetiingii waliin taasisaniin Finfinnee qofatti marsaa sadiin kan raawwatamu fooyya’insi sarara daddabarsa humnaa fi hojii jijjiirraf Birrii biiliyoonni 8 baasii ta’uu himaniiru.

Finfinneetti hojiin fooyya’insi sarara daddabarsa humnaa fi hojii jijjiirra marsaa jalqabaa rawwatamuu kan himan obbo Shifarraw Taliilaa marsaan 2ffaa fi 3ffaa bara haaratti ni eegala jedhaniiru.

Magaalaan 12 hanga sadaasaatti hojiitti kan galan yoo ta’u, namoota kuma 70 fayyadamoo ni taasisa jedhanmeera.

Magaalaan gara ijaarsatti kan galan si’a ta’u, maammiltoota haaraa miiliyoona 1 fayyadatoota tajaajilichaa taasisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.