Fana: At a Speed of Life!

Bara 2015tti Paarkiiwwan haaraa 21 hundeessuuf hojjetamaa jira – Preezdaant Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 7, 2014 (FBC) – Bara 2015tti Paarkiiwwan haaraa 21 hundeessuuf hojjetamaa jiraachuu, Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Himaniiru.

Jilli Preezdaant Shimallis Abdiisaan durfamu ijaarsa proojektii Haroo Wancii fi daandii Aspaaltii Wancii Dandii kiilomeetira 42 hojjetamaa jiru daawwateera.

Dhaabbanni ‘ Ijaa Developer ‘damee Turizimii guddisuuf Birrii biliyoona 4 caaluun hundaa’e hojiitti galuu obbo Shimallis ibsaniiru.

Bara 2015tti Paarkiiwwan haaraa 21 hundeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Bakkeewwan hawwata Turiizimii Oromiyaan qabdu misoomsuun damee Turiizimiin diinagdee biyyaa utubuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus Preezdaant Shimallis eeraniiru.

Proojektiin Haroo Wancii Dandii guddina diinagdee biyyaa tumsuu cinaatti hawaasa naannoo fayyadamaa taasisuuf gahee guddaa akka qabuu fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa hawaasaa milkeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa obbo Abdullahakiim Muluu dubbataniiru.

Haroon Wancii uumama miidhagaa fi qalbii namaa hawwatu uumaan nuuf kennedha jedhan, Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa fi To’ataa Olaanaan Proojektii Wancii Dandii Dooktar Abrahaam Balaay.

Hawwatummaa naannichaa caalmaatti guddisuufis bu’uuraaleen misoomaa hojjetamaa jiraachuu dubbachuu isaanii OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.