Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa 2012 baatii 11tti oomisha foonii fi aannan alatti ergamerraa Doolaarri miiliyoonni 68.13 argameera

Finfinnee,Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Bara baajataa 2012 baatii 11tti oomisha foonii fi aannan alatti ergamerraa Doolaarri miiliyoonni 68.13 argameera.
 
Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii raawwii baatii 11 qooda fudhattoota waliin gamaaggameera.
 
Baatii 11tti oomisha foonii fi aannaniirraa Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 13.81 argachuun karoorfameet ture.
 
Yaata’uutii kan argame Doolaarri miiliyoonni 68.13 qofa.
 
Hoolaa fi re’eerraa Doolaarri miiliyoonni 61.31, horii maalaarraa Doolaarri miiliyoonni 1.3, haftee oomisha horiirraa Doolaarri miiliyoonni 2.93, damma, gagaa, oomisha qurxummii fi aannanirraa Doolaarri miiliyoonni 2.60 argameera.
 
Inistiitiyuutiin Misooma Indaastirii Foonii fi Aannanii hanqinni dhiyeessii horii qalmaa, hanqinni iddoo tursaa, dhiyeessiin liqaa, daldalli horii dhaabbii seeran alaa, ciccituun dhiyeessii ibsaa rakkoo ture jedheera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.