Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa 2013 bulchiinsa magaalaa Finfinneetti suphaan daandii kiilo meetira 525 ni hojjetama

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC ) – Bara baajataa 2013 Finfinneetti suphaan daandii kiilo meetira 525 ni hojjetama.
 
Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Finfinnee akka beeksisetti bara baajatichaatti suphaan daandii kiilo meetira 525 ni hojjetama.
 
Qaqqabamaa fi uwwisa daandii guddisuuf ijaarsii fi suphaan hojjetamaa jiraachuu beeksiseera.
 
Hojiin suphaa kun sadarkaa asfaaltii, riiqicha, bo’oowwan dhangala’aa dabalata.
 
Hojichis suphaa daandii asfaaltii kiilo meetira 130, suphaa daandii cirrachaa kiilo meetira 68, suphaa daandii koobilistoonii kiilo meetira 50, suphaa sarara dhangala’aa kiilo meetira 257 hammata.
 
Abbaan taayitichaa akka beeksisetti bara baajataa 2012 suphaan daandii kiilo meetira 544 hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.