Fana: At a Speed of Life!

Bara baajatichaatti liqii fi deeggarsaan Birrii biiliyoonni dhibbi 1 fi biilioonni 6 ol argame

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Bara baajataa 2012tti liqii fi deeggarsaan Birrii biiliyoonni dhibbi 1 fi biilioonni 6 ol argamuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.
 
Birrii biiliyoonni 37.38 dhaabbilee Faayinaansii fi biyyoota garaagaraarraa liqiin kan argameedha.
 
Biiliyoonni 96.495 ammoo liqaa haaraa fi deeggarsan kan argame ta’uu ibsameera.
 
Bara baajatichaatti maallaqa argachuuf karoorfame keessaa % 81.3 raawwatameera.
 
Oduu walfakkaatuun sagantaa raawwii proojaktootaf maddoota maallaqaa biyya alaarraa birrii biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 42 fi miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 97 argamuu ibsameera.
 
Raawwii kun kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame biiliyoona 27 fi miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 96 caalmaa qaba jedhame.
 
Raawwiin Proojaktootaa fooyya’iinsa agarsiisuun amantaa biyyoota deeggarsa taasisaanii dabaluun guddina raawwichaaf gumaachera.
 
Daawwiit Barrihuuntu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.