Fana: At a Speed of Life!

Bara Faranjootaa 2028’tti Diinagdeen BRICS kan biyyoota garee torbaa ni caala jedhame

Finfinnee, Guraandhala 6, 2016 (FBC)- Waggoottan dhufan afran keessatti qoodni oomisha waliigalaa biyyaa keessaa biyyoota miseensa garee BRICS kan Biyyootaa garee torbaa caaluu akka danda’uu Itti Gaafatamaan Baankii Misooma BRICS Diimaa Ruuseef ibsan.
 
Yaa’ii Mootummoota Addunyaa Dubaayitti gaggeeffamerratti Dura Taa’aan Dhaabbata Liqii Addunyaa guddina oomisha biyya keessaa biyyoota miseensaa BRICS ilaalchisuun akka ibsanitti, miseensonni haaraan wayita dabalamanitti qoodni garichaa bara Faranjootaa 2028’tti %40 akka ga’uu dubbataniiru.
 
Kan biyyoota miseensa garee torbaa ammoo %27.8’n akka hir’isu eeraniiru.
 
Ruuseef dabalataan akka ibsanitti, qoodni daldala addunyaa biyyoota BRICS bara Faranjootaa 2016 kan ture %37 irraa bara faranootaa 2022’tti gara %41 kan guddate ta’uu eeruun, qoodni biyyootaa garee torbaa ammoo %62’rraa gara %58’tti hir’ina argisiisuu himuu RT’n gabaaseera.
 
Kanaan duraa Biraaziil, Raashiyaa, Hindii, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaan kan hundaa’e BRICS dhiyeenyaa ergaa Itiyoophiyaa, Iraan, Ijibti, Saa’ud Arabiyaa, Gamtaa Emereetota Arabaa miseensummaan dabalamanii guddina argisiisuun eerameera.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.