Fana: At a Speed of Life!

Bara kana haadholii harka qalleeyyii kuma 30 oliif tajaajila tolaan manni jireenyaa ni ijaarrama – BDhDDO

Finfinnee, Caamsaa 14, 2015 (FBC) – Bara kana haadholii harka qalleeyyii kuma 30 ol ta’aniif kenna tajaajila tolaan mana jireenyaa ijaaruuf kan hojjetamu ta’uu Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immaanii Oromiyaa beeksise.

Ganna dhufutti hojii tajaajila tola ooltummaatiin namoota harka qalleeyyii rakkoo keessaa baasuu danda’u hojjechuuf karoorfamuu eerameera.

Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa hojii tola ooltummaa bara kana hojjetamu ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laateera.

Bara darbe hojii tajaajila tola ooltummaa hojjetameen dubartoota harka qalleeyyii ta’an kuma 73 fayyadamaa inshuuraansii fayyaa taasisuun danda’amuu Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruun ibsaniiru.

Kenna Tajaajila Tolaa ganna dhufuun namoota harka qalleeyyii miiliyaana 19 fayyadamoo taasisuuf karoorfamuu eeraniiru.

Bara kana haadholii harka qalleeyyii kuma 30 fi 550 mana jireenyaa ijaaruun namoota rakkoo keessa jiran rakkoo keessaa baasuuf dhaadannoo “harmeef mana ijaarree eebba haa fudhannu”jedhu Waxabajjii 3, 2015 irraa eegalee kan raawwatamu ta’uu dubbataniiru.

Barattoota harka qalleeyyii miiliyoona 2.4f meeshaalee barnootaa bituun deeggarsa taasiisuuf karoorfamuu Aadde Jamiilaan ibsaniiru.

Hojii kana milkeessuuf hawaasni hirmaannaa barbaachisu akka taasiisu waamicha dhiyeessaniiru.

Baahiluu Baaneetu

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.