Fana: At a Speed of Life!

Bara kana naannoo Yaa’a laga Abbaayyaa biqiltuu biiliyoonni 4.5 ni dhaabbata – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Bara kana naannoo Yaa’a laga Abbaayyaa biqiltuu biiliyoonni 4.5 kan dhaabatu ta’uu Ministeerri Qonnaa beeksiise.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan Ityoophiyaatti biqiltuu biiliyoona 7.4 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Ministir Deettaan Ministeera Qonnaa obbo Saanii Raddii himaniiru.
Naannoo Yaa’a laga Abbaayyaa biqiltuun biiliyoonni 4.5 kan dhaabbatu ta’uu himaniiru.
Naannoo Yaa’a Laga Abbaayyaatti hojii kunuunsa eeggumsa naannoo cimsuun kuufama biyyoo Hidha Haaromsaa ittisuuf tattaaffiin kan taasiifamu ta’uu eeraniiru.
Kuufama biyyoo (Dalalii) gara Hidha Haaromsaatti galu % 50 ittisuun danda’amnaan Hidhichi galii dabalataa Doolaara Biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 40 kan galchu ta’uu eeraniiru.
Hojii Kunuunsa Qabeenya Uumaa sirnaan raawwachuun kuufama biyyoo gara Hidhichaa seenu ittisuun yoo danda’ame umriin hidhichaa waggaa 375 ga’uu danda’a jedhan.
Ijaarsi Hidha Haaromsaa wayita xumurame waggoota 140f tajaajila Elektirikaa ni laata jedhamee tilmaamama.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.