Fana: At a Speed of Life!

Bara oomishaa kanaaf xaa’oo bitame keessaa kuntaalli miiliyoonni 5 gara biyyaa gale -Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Caamsaa 6, 2015 (FBC) – Bara oomishaa 2015/16’f xaa’oo kuntaala miiliyoona 12 fi kuma 800 bitame keessaa xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 5 gara biyyaa galuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Xaa’oon gara biyyaa gales karaa waldaalee hojii gamtaan qonnaan bultootaaf raabsamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.

Dhiyeessiin xaa’oo humna qonnaan bulaa waliin kan wal madaale ta’uu eeruun, bara darbee kaasee gatii xaa’oo hanga ta’e mootummaatu danda’a jedhaniiru.

Dhiyeessiin callaa guddistuu daraan cimsuuf ministeerichi Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii, Ministeera Maallaqaafi Dhaabbilee Federaalaa biroo waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu eerameera.

Dhiyeessiin callaa guddistuu baranaa kan duraaniirra baayyinaan caalmaa qaba jedhameera.

Dhiyeessii callaa guddistuu yeroon qonnaan bulaa bira ga’uurratti qaawwi jiraachuu Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.

Rakkicha furuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeruu DhPI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.