Fana: At a Speed of Life!

Barana biqiltuu baala shaayii miliyoonaa 4 lafa heektaraa 100 olirratti dhaabuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Barana biqiltuu baala shaayii miliyoonaa 4 lafa heektaraa 100 olirratti dhaabuuf hojjetamaa jiraaachuun eerame.

Guyyaa har’aa sirni baninsa biqiltuu baala shaayii dhaabuu Aanaa Mattuutti gaggeeffameera.

Biqiltun baalaa shaayii duraan gandootaa aanichaa ja’aa keessatti gaggeeffamaa ture gara gandoota saddeettittii babal’isuun akka danda’amee ibsameera.

Bulchan Godina Illuu Abbaa Boor Obbo Indaalkaachoo Tafarii sirna kanarratti, qabeenya baala shaayii godinichaa irraa hawaasni fayyadama hinture jedhanii, yeroo dhiyoo asii hojii misooma baala shaayii aanaalee mursa keesaa ture gara aanaalee godinicha shanitti babalisuu himaniiru.

Baranas biqiltuuwwan baala shaayii miliyoonaa 4 lafa heektaraa 100 olirra dhaabuuf hojjetaa jirra jedhan Obbo Indaalkachoon.

Naannoo Oromiyaatti, hojii insheetiviiwwaan qonnaa 15 jalqabamee keessaa hojii misooma baala shaayii godinalee Oromiyaa 3 keessatti kan hojjetamu ta’uu hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquun himaniiru.

Gama biraatiin, ijaarsi mana murtii aadaa fi gamoon bulchinsaa Aanaa Aallee ijaaramaa tures eebbifameera.

Wajjirra Muummee Ministiraatti Qindeessaan Ijaarsa Sirna Dimookiraasii Mootummaa Federaalaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa, sagantaan ashaaraa magariisa guutuu biyyaatti gaggeeffamaa jiru galmoota misoomaa Ityoophiyaan qabate milkaa’aa jiraachuu kan mul’iseedha jedhan.

Hawaasni biqiltuwwan sadarka sadarkaan dhaabatan, dhaabanii galuu qofa osoo hintaane kunuununsa barbaachisa taasisuu akka qaban dhaamananiiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.