Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni Yuunivarsiitii suuraa ka’aa ture 2 laga keessatti kufuun lubbuun isaanii darbe

Finfinnee, Sadaasa 30, 2016 (FBC) – Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddootti Barattoonni suuraa ka’aa ture 2 laga keessatti kufuun lubbuun isaanii darbuu ibsameera.

Magaalaa Walaayittaa Sooddoo laga Huumboo jedhamuun beekamu keessatti kufuun lubbuun isaanii darbuu himame.

Barattoonni kunneen waggaa 3ffaa kan baratan yoo ta’uu, qarqara Lagaatti wayita suuraa ka’aa turan sigigaachuun lagichatti dhaquu isaanii eerameera.

Reenfi barattoota kanneenii har’a bishaan keessaa ba’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Magaalichaa ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.