Fana: At a Speed of Life!

Barnoota Dhaabbilee Olaanoo eegaluuf gamaggamni qophii dhaabbilee waliin walqabatee gaggeeffama jira

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) –Sababa weerara vaayrasii koroonaatin adda citee kan turee barnoota dhaabbilee olaanoo eegaluuf gamaggamni xumuraa qophii dhaabbilee waliin wal qabatee gaggeeffama jira.

Kayyoon gamaggamichaas weerara vaayrasii koroonaa ittisaa barnoota idilee fi leenjii karaa nagaa ta’een itti fufsisuufi jedhameera.

Gamaggamicharratti Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI obbo Taaggasaa Caafoo, Ministirri Minsteera Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachaw, Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Hurkatoo, walitti qabdoota koree dhaabbii mana maricha, preezdaantoota dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaa fi dhuunfa , walitti qabdoota boordii, bakka butoota dhaabbilee nageenyaa fi hoggantoonni hojii olaanoo biroon argamaniiru.

Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo, dhaabbileen barnoota olaanoo fi leenjii sirna nageenyaa fi tsaggabba’aa uumuu akka danda’aniif qamooleen isaan ilaallatuu deeggarsa taasisu qabu jedhan.

Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Hurkatoo, dhaabbileen barnoota olaanoo fi leenjii nagaa fi tasgaabba’oo akka ta’aniif sirna baratameerra bifaa adda ta’een akka hojjeetan ibsaniiru.

Dhaabbileen barnoota giddugalaa beekumsaa fi kalaqaa malee iddoo jequmsii fi hokkoorritti umaamuu ta’uu hin qabu jedhaniiru.

Yismaa Adaraawtu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.