Fana: At a Speed of Life!

Barreeffamoota walitti bu’iinsa kakaasan naannawaa ayyaanni kabajamutti qabatanii dhufuun gonkumaa dhorkaadha-Humna Waloo Tikaa fi Nageenyaa

Finfinnee, Fulbaana 15, 2015(FBC)- Amantaa da’eeffachun siyaasa gaggeessuu fi calaqqisiisuun sirrii akka hintaane hubachuun sirna ayyaanan alatti barreeffamootaa fi wantoota walitti bu’iinsa kakaasan kamiyyuu naannawaa ayyaanichi kabajamutti qabatanii dhufuun gonkumaa dhorkaa ta’uu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa hubachiise.

Humnichi sirni Daamaraa nagaan akka gaggeeffamee taasisuuf qophii xumuruu beeksiseera.

Humnichi waloo FBC’f ibsa ergeen akka beeksisetti, sirnicha ilaalchisee mana antaa ortodoksii tawaahidoo ityoophiyaa waliin mari’atameera.

Hoji Gaggeessaan Mana Lubummaa Waliigalaa Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa fi Phaaphasiin Kutaa Lallabaa Baahirdaar Abuuna Abrahaam maricharratti akka ibsanitti, manni amantichaa sirna Daamaraa bara 2015 haala yeroo biyyattii waliin walqabtee ofeeggannoo cimaan akka gaggeeffamuu fi ayyaanichi nagaan akka xumuramuuf qophiin duraa raawwateera.

Humnichi waloo sirna mana amantichaan alatti, namoota dhuunfaa fi gareewwan sirna kabaja ayyaanichaa booressuuf socho’anirratti tarkaanfii seeraa fudhachuuf abbootiin amantaa naamusaa akka qabsiisan gaafatameera.

Humnichi waloo sirnichi nagaan akka xumuramuuf abbootii amantaa fi ummata waliin qindoominaan hojjechuuf kutannoo qabuu fi qophii jiru abbootii amantaaf ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.