Fana: At a Speed of Life!

Beenishaanguul Guumz, Dibaaxiitti namoonni rakkoo nageenyatiin buqqa’an 213 qayee isaaniitti deebifaman

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Guumz aanaa Dibaaxiitti namoonni rakkoo nageenyaa mudatee tureen qayee fi qabeenya isaanitirraa buqqa’anii turan gara qayee isaaniitti deebifamuun ibsame.
Namoonni 213 aanichatti ganda Qorqaa fi Sanboosareetii buqqa’anii turan kaleessa gara qayee isaaniitti deebi’uu Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii naannichaa beeksiseera.
Namoonni buqqa’anii turan kanneen wiirtuu tursa yeroo Gaaleessaa turaniiru.
Biirichi akka beeksisetti humni nageenyaa federaalaa fi naannichaa hojii nagaa buusuu hojjechaa tureera.
Abbootii fi haadholii warraa gara qayee isaaniitti deebi’an 44 yookin namoota 213 keessaa namoonni 94 dhiira yoo ta’an, 119 ammoo dubartoota.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.