Fana: At a Speed of Life!

Biirichi barattoota miiliyoona 1.8f deeggarsa taasisuuf hojjechaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC)- Biirichi barattoota miiliyoona 1.8f deeggarsa taasisuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.
Deggarsi ‘Ani barataa tokkoof’ jedhu guyyaa har’aa barattoota harka qalleeyyii miiliyoona 1.8 gargaaruuf jalqabame.
Deeggarsichi barattoota harka qalleeyyii fi sababa adda addaatin barnoota idilee isaanii addaan kutaanii fi barachuu hin dandeenyef kan ooludha jedhameera.
Deeggarsicha har’a kan ifoomse Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immaanii fi Dargaggoota Oromiyaati.
Biirichi koree addatti dhaabuun meeshaalee barnootaa walitti qabuu eegaleera.
Sagantaan kunis torban tokkoof kan turu yoo ta’u guyyaahar’aa ifatti jalqabameera.
Baniinsa deeggarsaa kana irratti itti aantuun preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa fi hoggantuun kilaastara diinagdee Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii argamuun deeggarsa arjoomaniiru.
Aadde Caaltuun sabboonummaan Oromoo kan ibsamu lammii ofii gargaaruu, bira dhaabbachuu fi tumsa barbaachisu taasisuuni jedhan.
Deeggarsa har’aatinis biirolee Oromiyaa fi qaamolee adda addaarraa Birrii miiliyoonni 4.1tti tilmaamamuu fi meeshaaleen barnootaa akaakuun dhiyaataniiru.
Walitti qabduun koree deeggersaa; hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa Oromiyaa aadde Sa’aadaa Usmaan sagantichaan barattoota harka qalleeyyii miiliyoona 1.8 ta’an gargaaruuf ni hojjetama jedhaniiru.
Deeggarsichi sadarkaa naannoo, godina, magaalota, aanaa fi gandootatti kan walitti qabamu yoo ta’u, waggaa guutuu kan laatamu ta’uunis ibsameera.
Deeggarsa meeshaalee barnootatiin ala meeshaaleen ittisa vaayrasii koroonaa kan laatamu ta’a jedhameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.