Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Barnootaa Oromiyaa meeshaalee hojiin barnootaa ittin hojjetamu aanaalee horsiisee bulaaf kenne

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa meeshaalee hojiin barnootaa ittin hojjetamu aanaalee horsiisee bulaaf kenne.

Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Daayrektarri Daayrektooretii Foyyaa’insa Manneen Barnootaa obbo Shamsaddiin Efreem deeggarsa Dhaabbata Dhaabbanni Deeggarsa Daa’immanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) irra argameen raadiyoo 2,400 soolariifi chaarjiin hojjettu akkaasumas filaashii 2,400 bitun barattoota horsiisee bultootaa harka qalleeyyiif kennameera.

Sagantaan Barnootaa sadarkaa 1ffaa filaashi kana irratti waan fe’ameef barattoonni raadiyoo kana gargaaramuun bakkuma jiranitti barnootaa isaanii akka hordoofan isaan taasisa jedhameera.

Raadiyoon kun aanaalee 44f yeroodhaaf kan kenname yoo ta’u,xummura Waxabajjitti kan deebii’u ta’aas jedhameera.

Akka gabaasa OBNtti sagantaan Barnootaa karaa raadiyoo baratan kun wayita ammaa tatamsa’ini covid-19 jiru qofaaf osoo hin taane yeroo kaniis akka barnootaa dabalatattis isaan deeggara jedhaniiru.

Biiroo Barnootaa Oromiyaatti hogganaan Garee ‘ICT’ obbo Fiqaadu Gadaa haala itti fayyadama raadiyoo kana hirmaattotaaf hubannoo kennaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.